Fana: At a Speed of Life!

Hongeen godina Booranaatti mudate jireenya hawaasaarratti balaa aggaamuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 16, 2014 (FBC) – Hongeen godina Booranaatti mudate miidhaa beelladarraan ga’een cinaatti jireenya hawaasaarratti  balaa aggaamuu haawaasni godinichaa ibsan.

Miidhaa qaqqabee fi deeggarsi taasifamuuf  wayita walbira qabamee ilaalamu gahaa kan hin taane ta’uu fi uummannii fi mootummaan deeggarsa dabalataa akka taasisaniif waamicha dhiyeessaniiru.

Sababa hongee mudateen beelladoonni hedduun jalaa du’uu jiraattonni aanaa Taltallee ibsaniiru.

Hongeen godinichatti mudate kan kanaan duraarraa adda ta’uu fi baatiiwwan sagaliif turuu kaasaniiru.

Jireenyi isaanii beellada isaaniirratti kan hundaa’e wan ta’eef jireenya egeree isaaniirratti dhiibbaa guddaa kan uumu ta’uu eeraniiru.

Sababa hongee namoonni beellada hedduu dhaban jiraachuu fi balichi beelladarra darbee jireenya namaarratti balaa aggaamuu kaasaniiru.

Deeggarsi midhaanii kanaan dura horsiise bultoota kanneeniif laatame baayyina miidhamtootaa waliin yoo wal bira qabamu ga’aa akka hin taane ibsaniiru.

Deeggarsi nyaata beelladaa taasifames ga’aa akka hin taanee fi hunda waliin ga’uun akka hin danda’amne eeraniiru.

Rakkicha hir’isuuf Mootummaa fi qaamni dhimmi isaa ilaallatu deeggarsa ariifachiisaa akka taasisuuf gaafataniiru.

Ittaanaan bulchaa aanaa Taltallee obbo Abdubbaa Koonsoon gamasaaniin aanichatti hongeen akka kanaa mudatee kan hin beekne fi namaa fi beelladarratti balaa aggaamuu ibsaniiru.

Aanichatti sababa hongee kanaan horiin gaanfaa kumni 14 ol du’uu fi beelladni kuma 27 ol haalaan miidhamuu eeraniiru.

Kanaan dura gama mootummaan deeggarsi taasifamee turuu fi hangi isaa xiqqaa waan ta’eef gandoota hunda waliin ga’uu dhabuu himaniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.