Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantonnii fi mootummoonni naannolee Ayyaana Cuuphaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Amajjii 10, 2014 (FBC) – Preezdaantonnii fi mootummoonni naannolee Ayyaana Cuuphaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Preezdaantiin naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa ergaa dabrsaniin ayyaanicharratti hirmaachuuf namoonni hedduun magaalaa Goondaritti argamuu ibsaniiru.

Namoonni hedduun ayyaanicha kabajuuf magaalichatti argamuun nageenyi naannichaa mirkanaa’aa dhufuu fi dameen tuurizimii dadammaqaa dhufuu isaaf agarsiistuu ta’uu eeraniiru.

Bifuma walfakkaatuun Preezdaantiin mootummaa naannoo Uummattoota Kibbaa Obbo Ristuu Yirdaawu hordoftoota amantaa kiristaanaa maraaf ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Hawaasni wayita ayyaanicha kabaju akkuma kanaan duraa aadaa walgargaaruu fi wal deeggaruu isaa haala cimsuu danda’uun ta’uu akka qabu kaasaniiru.

Mootummaan naannoo Hararii gamasaatiin, ummanni naannichaa waggoota dheeraa nagaan, jaalalaan, walkabajuunii fi tokkummaan waliin jiraachaa turuu fi bakkeewan biroof fakkeenya kan ta’uu fi duudhaa miidhagaa qabu ta’uu ibseera.

Uummanni kiristaanaa ayyaanicha duudhaalee kanneen calaqqisiisuun, lammiilee rakkatan garagaaraa, warren beela’an nyaachisaa, warren dheebotan dhebuu baasaa akkasumas lammiilee sababa waraanaan miidhaman deeggaruun akka dabarsu amantaa qabu ibseera.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.