Aadde Adaanach Abeebee hordoftoota amantaa kiristaanaa maraaf ergaa baga ayyaana Cuuphaa geessanii dabarsan
Finfinnee, Amajjii 10, 2014 (FBC)- Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee hordoftoota amantaa kiristaanaa maraaf ergaa baga ayyaana Cuuphaa geessanii dabarsaniiru.
Aadde Adaanach Abeebee fuula Feesbuukii isaanii akka ibsaniitti, Ayyaanni Cuuphaa, fakkeenya jalaala, nagaa, gammachuu, waloon jiraachuu, waliif yaaduu, kadhannaati jedhaniiru.
Ayyaanni Cuuphaa, ayyaanoota keenyaa keessaa agarsiistu Ityoophiyaa, galmee Addunyaarratti hambaa kiliyaa ta’e kan galmaa’e, qabeenya keenya qaalii, madda kabaja biyyaafi miidhaginaa isa tokkodha jedhan Aadde Adaanach.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.