Jilli obbo Ahimad Shiideen durfamu godina Walloo Kibbaatti miidhaa garee shororkeessaa ABUTiin qaqqabe daawwate
Finfinnee, Amajjii 7, 2014 (FBC) – Jilli Ministira Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen durfamu godina Walloo Kibbaatti miidhaa garee shororkeessaa ABUTiin qaqqabe daawwateera.
Jilichi preezdaantii naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa dabalatee hoggantoota olaanoo Mootummaa federaalaa fi naannoo kan of keessatti haammate ta’uu ibsameera.
Hoggantoonni godinichaa fi magaalaa Dasee jilichaaf miidhaa qaqqabe kan agarsiisu ragaa barreeffamaa dhiyeessaniiru.
Miidhaan magaalota Kombolchaa fi Daseetti qaqqabe gara jabeenyummaa fi kaayyoo garichi biyya diiguuf qabu ifatti kan mul’isu ta’uu obbo Ahimad Shideen ibsaniiru.
Miidhaan dhaabbilee fayyaa fi barnootaarra ga’e olaanaa ta’us tattaaffiin gara hojiitti galchuuf taasifame kan dinqisiifatamu ta’uu ragaan Waajjira Kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.