Fana: At a Speed of Life!

Badhaasni dorggommii kalaqa daldalaa “Biruuhi” gaggeeffame

Finfinnee, Amajjii 6, 2014 (FBC) – Waamicha biyyaalessaa Ministeera Hojii fi Kalaqaa taasisee tureen dorgommii fi leenjiin kalaqa daldalaa gaggeeffamaa ture xumuramuu ibsameera.

Yaadota dorggommii kalaqa daldalaa 462 galmaa’an  keessaa 30 badhaasaaf ga’aniiru.

Ministirri Ministeera Hojii fi Kalaqaa aadde Mufariyaat Kaamiil badhaasicha dorgomtootaaf laataniiru.

Yaadota kalaqaa fi bu’aan isaanii kanneen deeggaruun gara hojiitti hiikuun danda’amnaan akka biyyaatti abdiin kan jiru ta’uu aadde Mufariyaat ibsaniiru.

Yaadonni kunneen dargaggoota kanneenii fi kan biroof carraa hojii uumuuf humna guddaa kan qaban ta’uu kaasuun, dargaggoonni kunneen qormaatilee isaan mudatan dandamachuun warren biroof abdii akka ta’an yaadachiisaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Hojii fi Kalaqaa obbo Nigusuu Xilaahuun gamasaaniin yaadonni kalaqa daldalaa 30 badhaasaaf ga’an ulaagalee kanneen akka lammiileef carraa hojii kan uuman, gara hojii qabatamaatti kan jijjiiramuu fi rakkoo kan furu jedhan keessa darbuu ibsaniiru.

Dargaggoonni kunneen leenjiiwwan sirna daldalaa fi kalaqaa fudhachuun badhaasaf ga’uu eeraniiru.

Dorgommichi qindoomina DhMGtti Sagantaa Misoomaa fi Faawundeshinii Maastarkaardi waliin kan gaggeeffamu yoo ta’u  badhaafamtootaaf Doolaarri kuma 5 badhaafamuu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.