Hojii misooma Sululaa bara kanaan lafa hektaara miiliyoona 2.5 misoomsuuf hojjetamaa jira – Ministeera Qonnaa
Finfinnee, Amajjii 6, 2014 (FBC) – Hojii misooma Sululaa bara kanaan lafa hektaara miiliyoona 2.5 ol misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksiise.
Bara kana sadarkaa biyyaatti hojii misooma Sululaan lafa hektaara miiliyoona 2.5 ol misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Proofeesar Iyyaasuu Eeliyaas ibsaniiru.
Naannoo Amaaratti hojiin misooma sululaa bara kanaa eegalameera.
Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Proofeesar Iyyaasuu Eeliyaas Sagantaa baniinsaa hojicharratti argamuun hawaasa taasiisaniin hawaasni hirmaannaa hoo’aa taasiisuun hojii qulqullina qabu akka hojjetan dhaamaniiru.
Bara kana naannoo Amaaratti lafa hektaara kuma dhibba 4 fi kuma 50 misoomsuuf kan hojjetamu ta’uu Itti aanaan Preezdaantii naannoo Amaaraa Dooktar Geetaachaw Jambareen ibsaniiru.
Hojii misooma sululaa bara kanaarratti kutaaleen hawaasaa garaagaraa miiliyyoonni 4.3 kan hirmaatan ta’uu Hogganaan Biiroo Qonnaa naannichaa Dooktar Hayilamaariyaam Kaffalaan ibsaniiru.
Minaale Ayyanawutu gabaase.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.