Fana: At a Speed of Life!

Diyaaspooraan carraa  invastimantii bal’aa jirutti fayyadamuu akka qabu ibsame

Finfinnee, Amajjii 6, 2014 (FBC) – Diyaaspooraan carraa  invastimantii bal’aa jirutti fayyadamuu akka qabu Ministirri Ministeera Indaastirii Malaakuu Allabal ibsan.

Ministeerri Indaastirii diyaaspoorota damee indaastirii oomishaarratti bobba’uu barbaadan waliin mari’ataa jira.

Carraa gama damee indaastirii oomishaatiin jiru fayyadamuun hanqina Ityoophiyaan qabdu guutuuf hojjechuu akka barbaachisu Ministirri Ministeera Indaastirii Malaakuu Allabal waltajjii marichaarratti ibsaniiru.

Ityoophiyaan madaala gabaa alergiin hanqina Doolaara biiliyoona 15 kan qabdu ta’uu fi kana sirreessuuf oomishaalee oomishuun dandeetti gabaaf dhiyeessuu guddisuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Kanaaf ammoo carraa bal’aa gama damee indaastirii oomishaatiin jiru fayyadamuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Hanqinni odeeffannoo hanga ammaatti diyaaspooraan hojii invastimantiirratti akka hin hirmaane taasisuu Daayrektarri Ejensii Diyaaspooraa Ityoophiyaa obbo Mahaammad Idriis ibsaniiru.

Haalonni yeroo ammaa mijeeffamaa jiran diyaaspooraan damee indaastirii oomishaarratti akka bobba’uuf carraa kan laatan ta’uu himaniiru.

Faayidaa waaraa Ityoophiyaa eegsisuuf diyaaspooraan damee indaastirii oomishaarratti hirmaachuun kan barbaachisu ta’uu eeraniiru.

Taarikuu Laggasaatu gabaase.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.