Fana: At a Speed of Life!

Hawaasni godina Geedi’oo loon horsiisee bultoota Booranaa ofiitti fudhachuun gara iddoo marga bal’aatti bobbaasaan

Finfinnee, Amajjii 6, 2014 (FBC)- Hawaasni naannoo Kibbaa godina Geedi’oo aanaa Gadab hongee godina Booranaatti muudatee hordofee loon gara ofiitti fudhachuun gara iddoo marga bal’aatti akka bobbaaniif haalaa mijeessaniiru.

Hongeen godinichatti muudate roobni waqtii roobuu qabutti dhabamuun kan uumame akka ta’e horsiisee bultoonni Faanaa Broodkaasting Korpooreetiitti himaniiru.

Loon isaanii gara Godina Geedi’ootti dhufan hamma ta’e fooyyee qabaatanis miidhama dura irra tureen dafanii dandamachuu waan hin dandeenyeef ammas deeggarsa talaallii akka barbaadani dubbataniiru.

Hawaasni Godina Geedi’oo aanaa Gadab ofitti nu simatee loon keenyaa fi nu baraaruuf jecha hojii hojjataniif galateeffataniiru.

Ummanni biyyaa rakkoo nuti keessa jiru kanaa nu baasuuf birmannaa isaa akka nu jalaa adda hin kunne jechuun horsiisee bultoonni gaafataniiru.

Godinaaleen iddoo dheeda margaa bal’aa qaban akka Godina Geedi’ootti ofitti nu simachuun loon keenyaa fi nullee akka baraaru gaafannaa jedhaniiru.

Biqilaa Tufaa fi Getaachaw Mul’atatu gabaase

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.