Godina Arsii Aanaa Xiyootti ga’eessonni barnoota al idilee hordofaa turan eebbifaman
Finfinnee, Amajjii 5, 2014 (FBC)- Godina Arsii Aanaa Xiyootti ga’eessonni barnoota al idilee hordofaa turan eebbifamaniiru.
Sirnicharratti kan argaman itti gaafatamaan waajjira barnootaa godina Arsii obbo Ahmad Huseen, lammiin barate doofummaa keessaa ba’uun mirgaa fi dirqama ofii adda baasee hojiirra oolfachuu akka danda’udha jedhan.
Godinicha keessatti haga ammaatitti ga’eessonni kuma 40 ol barnoota al idilee hordofaa akka jiran eeranii lakkoofsa kanas kana caalaa dabaluudhaaf hojjetaa jiraachuu dubbataniiru.
Sadarkaa Aanaa Xiyootti guyyaa har’aa qofa kan eebbifaam ga’eessota 368 yoo ta’an inni kunis marsaa 4ffaa akka ta’e ibsanii jiran.
Marsaa afraniin namoonni kumni 2 fi 344 hanga har’aatitti akka eebbifamaniiru.
Barnoota ga’eesotaa kana galmaan gahuudhaaf qaamonni karaa adda addaatiin mootummaa cinaa dhaabbatanis galateeffatanii deeggarsa isaanii cimsanii akka itti fufan gaafataniiru.
Itt Aanaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa obbo Bultoossaa Hirkoo gama isaaniin sirnicharratti argamuun akka dubbatanitti injifannoon gama hundaan galmaa’aa jiru wallaalummaa seenaa godhuuf gama barnoota al idilee ga’eessotaas cimee itti fufa.
Hojii gama kanaan jiru milkeessuufis hundi keenna tokko taanee hojjachuu qabnaa dhaamaniiru.
Aliyyi Gammachuutu gabaase.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.