Jilli obbo Awwaluu Abdiitin durfamu godina Shawaa Lixaa aanaa Haroo Danditti hojii misooma sululaa eegalchise
Finfinnee, Amajjii 5, 2014 (FBC)-Jilli itti aanaa preezdaantii naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdiitin durfamu godina Shawaa Lixaa aanaa Haroo Dandiitti hojii misooma sululaa bara 2014 eegalchiiseera.
Duulli hojii misooma suluulaa bara kanaas mata duree ‘ Hojiin misoomaa fi kunuunsa qabeenya uumamaa dirqama dhaloota har’aati’ jedhuun guutuu Oromiyaatti guyyaa har’a eegaleera.
Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Abarraa Warquu, biyyoo haphatee fi bosona manca’e dandamachiisuun haala mijataa uumamaa fi hojii misooma qonnaatiif uumuuf qamoleen hawaasaa hundi tokkummaan ba’uun akka hojicharratti hirmaataniif dhaamaniiru.
Dabalataanis, bara kana suluulonni kumni 6 fi 440 lafa hektaara miiliyoona 2.5 irratti akka misoomanis ibsaniiru.
Obbo Awwaluu Abdii gama isaaniin, Oromoo fi qabeenyi uumamaa walitti dhufeenya olaanaa waan qabaniif qabeenya uumamaa manca’an deebisee dandamachisuuf hojiiwwan waggoottan darban keessatti sagantaa ashaaraa magariisaa fi misooma suluulaarratti hojjetamaaniin bu’aawwan gurguddoo galma’aaniiru jedhan.
Bara kanas caalmaatti cimsuun hirmaannaa hawaasaa olaanaadhaan jedhaniiru.
Hirphoo Shibootu gabaase
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.