Jilli obbo Abdulhaakim Muluun durfamu godina Harargee Lixaatti hojii misooma sululaa jalqabsiise
Finfinnee, Amajjii 5, 2014 (FBC) – Jilli Sadarkaa Ittaanaa Preezdaantiitti Qindeessaa Kilaastara Hawaasummaa Oromiyaa Obbo Abdulhakim Muluun durfamu godina Harargee Lixaa aanaa Xuulloo gaara Quufaa irratti hojii misooma sululaa jalqabsiiseera.
Hiyyummaa hir’isuu fi Badhaadhina maatii fi biyyaa lafa qabsiisuuf hojiin qabeenya uumamaa barbaachisaa ta’uu Obbo Abdulhaakim Sagantichaan ibsaniiru.
Hojiin Fiizikaalaa hojjetamaa jiru hojii baayolojikaalaan dabaalamuu akka qabuu fi hojiin hojjetame kunuunfamuu akka qabu dhaamaniiru.
Hojii Misooma Sululaa bara darbe hojjetameen bu’aaleen hedduu argamuu bulchituun godinichaa aadde Ekrem Xaahaa eeraniiru.
Bara kanas aanaalee godinichaa keessatti hojii hojjetamuun daagaan garaagaraa kuma 84 ol, Istiraakcharoonni bishaan qusatan kumni dhibbi 9 fi kumani 29 ol, hojiin hallayyaa hidhuu fi kanneen biroon hojjetamaa jiraachuu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Kominikeeshinii godiinichaarraa argame ni mul’isa.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.