Fana: At a Speed of Life!

Vaayrasiin koronaa ‘sodaa fayyaa idil addunyaa’ jedhamuun labsame

Finfinnee, Amajjii 22, 2012 (FBC) – Vaayrasiin koronaa ‘sodaa fayyaa idil addunyaa’ jedhamee labsame.

Daayreektarri olaanaa Dhabbata Fayya Addunyaa Dooktar Teediroos Adihaanoom ibsa kaleessa laataniin vaayrasichi idil addunyaatti sadarkaa sodaachiisaan kan labsame Chaayinaa qofatti otuu hin taane biyyoota birootti ariitiin baballachaa waan jiruufi jedhaniiru.

Dooktar Teediroos Adihaanoom Chaayinaan vaayrasicha to’achuuf carraaqqii isheen taasifte dinqisiifataniiru.

Akka ibsa isaaniitti vaayrasiin koronaa haala ammaa kanaan biyyoota imaammataa fi sirna fayyaa dadhabaa qabanitti yoo faca’e baayyee yaaddeessaa ta’a.

Haata’uutii dhaabbatichi ka’umsa vaayrasichaa kan taate Chaayinaa dabalatee biyyoota birootif deeggarsa barbaachisaa ni taasisa jedhan.

Vaayrasii koroonaan hanga ammaatti namoonni 213 yoo du’an namoonni kum 9 ol vaayrasichaan qabamaniiru.

Vaayrasichi biyyoota kudha saddeetitti akka tamsa’e beekkameera.

Maddi: – BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.