Fana: At a Speed of Life!

Poolisiin Federaalaa giddugala dandamachiisa miidhamtoota fayyaa ijaarsisuuf Korporeeshinii hojiiwwan ijaarsaa Ityoophiyaa waliin waliigaltee mallatteesse

Finfinnee, Amajjii 2, 2014 (FBC) – Poolisiin Federaalaa giddugala dandamachiisa miidhamtoota fayyaa miseensotasaa ijaarsisuuf Korporeeshinii hojiiwwan ijaarsaa Ityoophiyaa waliin waliigaltee mallatteesseera.

Poolisiin Federaalaa dirqama biyyaa mootummaa fi uummataarraa fudhachuun kallattii hundaan wareegama barbaachisaa ta’e kaffalaa Ityoophiyaa eegaa jiraachuu Komishinarri Koomishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el sirna waliigaltechaarratti ibsaniiru.

Ergama biyyaa kana keessatti miidhaan hoggantootaa fi miseensota mudatu salphaa akka hin taane eeraniiru.

Miidhaan qaamaa irra ga’ee hospitaala poolisii federaalaatti yaala fayyaa fudhatanii erga xumuranii booda ergama itti aanuuf akka qophaa’aniif kan isaan gargaaru giddugalli dandamachiisaa akka hin jirre yaadachiisaniiru.

Yeroo ammaa wareegama isaan biyyasaaniif kaffalaniin kan walmadaalu kaffalamuufiin waan maluuf giddugala kana ijaarsisuuf itti gaafatamummaa fudhannee hojjechaa jirra jedhan.

Ijaarsi giddugalichaa bara kanatti xumuramu ta’uu fi poolisii federaalaa qofaaf osoo hin taane poolisii naannoleefis tajaajila kan kennu ta’uu himuu isanii ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.