Fana: At a Speed of Life!

Hojiin duula kunuunsa qabeenya uumamaa guyyoota 60’f turu Amajjii 5 akka eegalu labsame

Finfinnee, Amajjii 2, 2014 (FBC)-Naannoo Oromiyaatti hojiin duula kunuunsa qabeenya uumamaa guyyoota 60’f turu Amajjii 5, 2014 akka eegalu labsameera.

Biiroon Qonnaa Oromiyaa duula hojii Kunuunsa qabeenya uumamaa guyyoota 60’n dhufaniif guutummaa Oromiyaatti hojjetamu labseera.

Hoogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Abarraa Warquu guyyaa har’aa ibsa miidiyaaleef kennaniiru.

Qabeenyi uumamaa keessumaa dacheen duraan bosona uffattee turte sababa daangaa lafa qonnaa babal’ifannaan, dheedichaa fi faayidaa yeroo bosona irraa argachuuf jecha mancaafamuun oomishtummaan qonnaa hir’achuu ibsaniiru.

Naannoo mijataa uumuu fi qabeenya uumamaa kunuunsuun madaalliin jijjiirama qilleensaa akka eegamu taasisuuf hojii ijoo kan ture hojii sululaa waggoota darban sadanii as hojjetamaa turaniin dachee biqiloota uffachuun burqaawwan goganii turan mirgisaa jiraachuu dubbataniiru.

Uummanni nannoo keenyaa xiyyeeffannaa addaa kennee akkuma hojicha hojjechaa ture, yeroo ammaa kanammoo bu’aa dadhabbii isaa irraas fayyadamaa ta’uu eegaleera jira jedhan.

Bara kanas akka guutuu Oromiyaatti hojiin kunuunsa qabeenya uumamaa fi misooma Sululaa dursee kan eegalame yoo ta’us, Amajji 05/2014 irraa eegalee ammoo hojiin kun guyyoota 60’f karaa adda ta’een duulaan guutummaa Oromiyaatti ni hojjetama ibsaniiru.

Biyya Ummanni ishee 85% ol qonnaan jiraatu keessatti biyyeen gabbataa, bishaan ga’aafi qilleensi mijataa jiraachuutu barbaachisa jedhanii, dhimmi kunuunsa qabeenya uumamaa dhimma jireenya lubbu qabeeyyii waan ta’eef Biiroon Qonnaa ogeeyyii sadarkaan jiraniif leenjii kennuun qophii hunda xumuree jira.

Uummannis bifa duraan baratame caalaatti xiyyeeffannoo kennuun duulaan ba’uun hojii daagaa qotuufi kunuunsa qabeenya uumamaa milkeessuu keessatti adda durummaan hirmaachuu akka qabu Obbo Abarraan waamicha dabarsaniiru dhaamuu ragaan Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa naannoo Oromiyaarra argamee ni muul’dhisa.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.