Fana: At a Speed of Life!

Mariin biyyaalessaa galma akka ga’uuf miidiyaalee fi ogeessota miidiyaalerraa waan baayyeetu eegama- Hayyoota

Finfinnee, Amajjii 2, 2014 (FBC) – Ityoophiyaatti mariin biyyaalessaa gaggeeffamuuf jedhu galma akka ga’uuf miidiyaalee fi ogeessota miidiyaalerraa waan baayyeen kan  eegamu ta’uu hayyoonni ibsan.

Miidiyaaleen adeemsa marii biyyaalessaa ammarraa eegalanii lammiileen hubannoo akka qabaatanii fi adeemsi isaa hunda haammataa taasisuu akka  qaban ibsaniiru hayyoonni kunneen Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin turtii taasisaniin.

Yaadonni dhimma  biyyaa ilaallatan kamuu waltajjiiwwan marii hundarratti ka’uu akka qaban Yuunvarsiitii Baahirdaaritti barsiisaa gaazexeesummaa fi kominikeeshinii kan ta’an Dooktar Addaam Caannee fi Yuunvarsiitii Waachaammootti qorataa dhimmoota Afriikaa Baqqalaa Habtaamuun kaasaniiru.

Waltajjiin marichaa dhimmoota murteessoo ta’an bu’uureffachuun bifa haammataa fi hirmaachisaa ta’een gaggeeffamuu akka qabu eeraniiru.

Fedhiiwwan hundaa haala calaqisiisuun, fayidaa biyyaalessaa fi tokkummaa uummattootaa haala miidhuu hin dandeenyeen gaggeeffamuu qaba jedhaniiru.

Afawarq Alamuutu gabaase.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.