Fana: At a Speed of Life!

Murtoon hidhamtoota dhiifamaan gadi lakkisuu Ityoophiyaa bu’uura cimaarra dhaabuufi- MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Amajjii 1, 2014 (FBC) – Murtoon hidhamtoota dhiifamaan gadi lakkisuu Ityoophiyaa bu’uura cimaarra dhaabuufi jedhan Muummeen Ministiraa FDRI  Abiy Ahimad.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad kana kan jedhan sirna eebbaa gamoo waajjira olaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaarratti haasaa taasisaniini.

Maqaa Ityoophiyaa haaromsuuf gootummaa fi cimina guddaa waan agarsiistaniif Ityoophiyaan isin kabajji jedhan.

Dhaloonni har’aa abboota keenyarraa barachuu kan qabnu gootummaan qabsaa’uu qofa osoo hin ta’iin dhiifama gochuus ta’uu kaasaniiru.

Abbootiin keenya waraanaanis nageenyaanis injifachaa jiraatan jedhan haasaa taasisaniin.

Humnoonni injifataman himanni addaan citeef dheekkamsa guddaa kaasaniiru. Dheekamsa kan kaasaniis qaamolee callisa hin jaallanneen ta’uu eeraniiru.

Murtoon dhiifamaan gadi lakkisuu Ityoophiyaa bu’uura cimaarra dhaabuuf ta’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaaf kan barbaachisu nageenya ta’uu eeraniiru.

Murtoon kun har’a kan hadhaawu ta’us ijoollee keenya kan boonsudha jedhan.

Dhiifama goonee gadhiisuun injifannoo keenyaan kan argannedha jedhan.

Nuti injifatamnee gareen kaleessa finfinnee to’achuufi jedhe osoo injifateera ta’ee laphee dhiifamaa kan hin qabne ta’uu eeraniiru.

Dhiifama kan godhu ajjeesuu fi hidhuu osoo danda’uu dhiifama kan taasisudha. Nutis kana gochuu osoo dandeenyuu dhiifama taasisne jedhan.

Murtoo kanaaf himanni kan isaaniif addaan cite isiniin osoo hin taane uummata isin duuba jiruuf yaadnee waan gooneef akka itti fayyadamtan jedhaniiru.

Dhimma kanaan kan gaddan akka hubatan kanan barbaadu murtochi ijoollee keenyaaf kan barbaachisu ta’uu akka hubatanin barbaada jedhan.

Fageessinee yaaduun gadi fageenyaan hojjechuu yoo baanne humna diinonni alaa fi keessaa qabaniin Ityoophiyaan injifachuu hin dandeessu jedhan.

Ityoophiyaan biyya Raayyaa Ittisa Biyyaa goototaa fi hoggantoota hedduu qabdu ta’uu eeraniiru.

Balaan birmadummaa biyya keenyaa hin xumuramne qaamoleen jedhan kan jiran ta’uu eeruun, kun dhugaa ta’uu fi kanaaf ammoo humna walitti qabachuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT seenaa irraa barachuu dadhabuu isaa kaasaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT yeroo ammaas adabatee ta’ee akka hin jirre kaasaniiru.

Ergamtoonni garichaa maqaa sobaa Oromoo fi Amaaraa miidiyaa hawaasummaa banachuun walitti bu’iinsa uumuuf yaalii taasisuu ibsaniiru.

Uummanni Tigraay gama diinagdee, hawaasummaa fi dippiloomaasiin miidhamuu ibsuun ija isaa akka banatu yaadachiisaniiru.

Biyya birmadummaan ishee eegamte dhaalleerra biyya birmadummaan ishee eegame ijoollee keenya dhaalchisuu qabna jedhaniiru.

Waraana kanaan qamolee Ityoophiyaa diigna jedhanii ka’an Ityoophiyaan kan hin diigamne ta’uu ishee argisiisuuf qaamoleen nageenyaa dhiigaa fi lafee keessan itti dhabdan Ityoophiyaan isin galateeffatti jedhaniiru.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.