Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni mootummaa olaanoon maatii barattoota Yuunvarsiitii Dambi Doolloo ugguraman waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 21, 2012 (FBC) – Muummee Ministira Dooktar Abiy Ahimad Dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon maatii barattoota Yuunvarsiitii Dambi Doolloo ugguraman waliin mari’atan.

Maricharratti Itti aanaa Muummee Ministira obbo Dammaqaa Makonnin, Ministira Nageenyaa Mufariyaat Kaamil dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa akkasumaas bakka bu’oonni ummaataa hirmaataniiru.

Maatiin barattootaa hanga bakki ijoolleen isaanii jiran badetti haasaa isaan bilbilaan ijoollee isaanii waliin taasisaa turan hoggantoota garee qorannaa teeknikaaf ibsaniiru.

Itti gaafatamaan prees sakreetarii Waajjira Muummee Ministiraa obbo Nugusuu Xilaahuun maricha ilaalchisuun maatiin barattoota dursanii Muummee Ministira Dooktar Abiy Ahimad waliin dhimmicharratti mari’ataniiru jedhan.

Itti aanaa Muummee Ministira obbo Dammaqaa Makonnin miidhaan barattoota Yuunvarsiitii Dambi Doolloo ugguraman ga’e ragaan agarsiisu akka hin jirre maatii barattootaf ibsaniiru jedhan.

Obbo Dammaqaan mootummaan barattoota ugguraman kana gadhiisisuuf hojjechaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Guyyaa kaleessaa obbo Nugusuu Xilaahuun, janaraal koomiishinarri Koomiishinii Poolisii Federaalaa Indaashaaw Xaasawii fi ministir deettaan Ministeera Saayinsii fi Barnoota Olaanoo Dooktar Saamu’eel Kifleen dhimmoota waqtaawaa dhaabbilee barnoota olaanoorratti ibsa laataniiru.

Obbo Nugusuun “Koreen teeknikaa dhimma barattoota Yuunvarsiitii Dambi Doolloo ugguramanirratti hojjetu hundaa’ee, hojjechaa jira.” jedhaniiru.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.