Fana: At a Speed of Life!

Jeneraal Birhaanuu Juulaaf sadarkaan Fiildi Maarshaalummaa kenname

Finfinnee, Muddee 30, 2014 (FBC)-Etamaajoor Shuumii Raayyaa Ittisa Biyyaa Jeneraal Birhaanuu Juulaaf sadarkaan Fiildi Maarshaalummaa kennameeraaf.

Guyyaa har’a sagantaa guddina sadarkaa fi badhaasa gaggeeffameen hoggantoota olaanoo waraanaa waraanicha hogganaa  turan, humna hogganaanii fi  injifannoo fi bu’aa argamsiisaaniif sadarkaan guddinaa laatameeraf.

Bu’uruma kanaan sadarkaa Fiildi Maarshaalii, sadarkaa Jeneraalaa Guutuu 4, sadarkaa Leetinaal Jeneraalaa 14, sadarkaa Mejeer Jeneraal 24 fi sadarkaan Birgaadeer Jeneraal 58 laatameera.

Muudamni hoggantoota waraanaa kun Ajajan waliigala humna waraanaa Muummee Ministiraa Abiy Ahimadii fi Preezdaantii FDRI Saahilawarq Zawdeen laataniiru.

Alaazaar Taaddalaatu gabaase

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.