Qillee bara kana barii injifannootti ayyaana kabajaa jirru ta’uun isaa adda taasisa-Aadde Sa’adaa Abdurahman
Finfinnee, Muddee 28, 2014 (FBC)- Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’adaa Abdurahman Ayyaana Qillee sababeeffachuun hawwii qaban dabarsan.
Guutuun ergichaa akka argamaan gaditti dhiyaateera.
Ayyaanni Qillee hawaasa amantaa kiristaanaa hordofan biratti guyyaa yaadannoo Dhaloota Kiristoos ta’ee kan yaadatamudha.
Ayyaana kana yommuu kabajnu, humnoota diinaa biyya diiguuf alaafi keessaa qindaa’anii waraana nurratti banan ofirraa qolachuun barii injifannootti ayyaana kabajaa jirru ta’uun isaa adda taasisa.
Ummanni keenya, sabaafi sablammoota obbolaa waliin ta’uun, diina birmadummaa biyyaa irratti aggaame tokkummaan qolatee gootummaa isaa dirree waraanaa irratti agarsiise. Har’as, gootummaa abboota isaarraa dhaaleen shiraafi aggaammii birmadummaa keenya irratti qiyyaafatu kamiyyuu qolachuun wabii biyyaa ta’uu isaa mirkaneessuu irratti argama.
Kana malees, aadaafi seenaan keenya kaleessaa kan ragaa nuuf bahu, duudhaa sirna Gadaarraa dhaalleen hamtuufi toltuu jirtu mariifi marabbaan gaaddisa jalatti walgeenyee mari’achuun jaalalaafi dhiifamaan haammannee waliin jiraachuufi araara buusuun beekamna.
Kanaaf, shira diinni keenya kaleessa ittiin nu qoodaa ture deebisnee raawwachuun osoo hin taane, firii jaalalaa har’a facaasnu dhaloonni boru kan haammatu ta’uu beeknee, nuti ummattoonni biyyattii hundi miira obbolummaan walitti dhufnee mari’annee garaa dhiifamaan araara buusnee biyya badhaatuu dhalootaaf kaadhimuun dirqama lammummaa keenya.
Kanaaf, duudhaaleen keenyaa kaleessaa, hariiroo obbolummaan jaalalaafi dhiifamaan waliin jiraachuun muuxannoo dilbii qabnutti fayyadamnee har’as, ummattoonni biyyattii hundi gaaddisa tokko jalatti walitti dhufnee mari’achuun egeree badhaadhina biyya keenyaa saffisiisuun dhaloota kanarraa eegaluu qaba.
Caffeen Oromiyaas, ergamoota gurguddoo gama hordoffiifi to’annoon, seerota qulqullina qaban baasuufi hojii bakka bu’ummaa ummataa raawwatu keessatti fedhiifi faayidaa ummata bakka isa buufatee giddu galeessa godhachuun galmi
badhaadhinaa qabanne akka milkaa’uuf, keessattuu, hariiroo walitti dhufeenya ummattoota obbolaa cimsuu keessatti gahee bakka bu’ummaa ummataa Heeraan kennameef bu’uura godhachuun qooda irraa eegamu kan bahatu ta’uu mirkaneessuun barbaada.
Walumaagalatti, ayyaana kana irratti kan qabu isa hin qabne deeggaruun duudhaa Oromoo ganamaati. Kanaaf, ayyaanicha wayita kabajnu waan qabnuun harka qalleeyyiis ta’e qaamolee gargaaramuu qaban akka deeggarru dhaamsakoo dabarsuuns, ayyaanichi kan milkii, jaalalaa, araaraa, injifannoofi badhaadhinaa akka isiniif ta’u maqaakoofi maqaa Caffee Oromiyaatiin hawwiin qabu ibsaa baga jala bultii Ayyaana Qilleen isin gahe jechuun barbaada.
Afyaa’ii Caffee Oromiyaa Ayyaana Qillee bara kana barii injifannootti ayyaana kabajaa jirru ta’uun isaa adda taasisa.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.