Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan birmaddummaa fi walabummaashee bifaa eegeen biyyoota waliin dippilomaasii cimaa akka qabattuuf hojjechaa jirti-MDhA

Finfinnee, Muddee 28, 2014 (FBC)- Ityoophiyaan bara 2022 birmaddummaa fi walabummaashee bifa eegeen biyyoota waliin dippilomaasii cimaa akka qabattuuf hojjechaa jiraachuushee Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera.

Baraa Faranjoota 2021 biyyi keenya Ityoophiyaa qormaatileen adda adda mudatee akka turee kana dandamachiisuuf tattaaffiin taasifamee hojiin bu’a qabeessaa ta’ee hojjetamuu Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin ibsaniiru.

Ityoophiyaan dhiibbaa biyyaa keessaa fi alaa irra ga’een dandamachisuu biyyoonni hedduu Ityoophiyaa cinaa dhaabbataan jiraachuu kan ibsan Ambaasaaddar Diinaan, biyyoonni ganaanis huddutu turee jedhaniiru.

Ityoophiyaan birmaddummaa fi walabummaashee bifaa eegeen biyyoota waliin dippilomaasii cimaa akka qabattuuf hojjechaa jirtis jedhaniiru.

Dhiyeenyas xalayaa muudamaa ambaasaaddaroota biyyoota 10 Preezdaant Saahilawarq Zawdeef dhiyeessuu himaniiru.

Adaanach Abbabbaatu gabaase.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.