Magaalonni Duukamii fi Galaan diyaaspooronni hojiilee invastimantiirratti akka hirmaataniif waamicha dhiyyeessan
Finfinnee, Muddee 27, 2014 (FBC)- Magaalonni naannawaa indaastirii jedhamuun beekaman Duukamii fi Galaan diyaaspooronni hojiilee invastimantiirratti akka hirmaataniif waamicha dhiyyeessaniiru.
Magaalota kanneenitti abbootiin qabeenyaa biyya keessaa fi alaa hojiilee invastimantii garaagaraarratti bobba’anii jiraachuu hoggantoonni magaalota kanneenii ibsaniiru.
Waamicha mootummaan dhalattoota Ityoophiyaa biyya alaa jiraataniif taasise hordofee hawaasni diyaaspooraa gara magaalota kanneenii dhufanii akka misoomsaniif qophiin taasifamuu eeraniiru.
Magaalaan Duukam magaalaa naannawaa indaastirii waan taateef abbootii qabeenyaa hedduun kan filatamtu ta’uu kantiibaan magaalichaa obbo Abduljaliil Abdurroo ibsaniiru.
Diyaaspoorota misoomsuu danda’aniif kenniinsa tajaajilaa si’ataa taasisuunii fi bakka invastimantii qopheessuu eeraniiru.
Filannoowwan invastimantii magaalittiin qabdu ilaaluuf abbootiin qabeenyaa gara magaalichaa dhufaa jiraachuu kaasaniiru.
Bifuma walfakkaatuun Kantiibaan magaalaa Galaan aadde Wayinisheet Gizaawu magaalichatti abbootiin qabeenyaa hojiilee invastimantiirratti bobba’uun lammiilee hudduuf carraa hojii bananii fi ofis fayyadamoo ta’an jiraachuu yaadachiisuun hawaasni diyaaspooraa magaalichatti hojiilee invastimantiirratti akka hirmaatuuf waamicha dhiyeessaniiru.
Diyaaspooraawwan dameewwan invastimantii garaagaraarratti hirmaachuuf barbaadaniif bulchiinsi magaalichaa haala kan mijeessu ta’uu eeraniiru.
Adaanech Abbabaatu gabaase.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.