Ayyaana Qillee Laallibalaatti kabajuuf qophiin xumuramuu ibsame
Finfinnee, Muddee 26, 2014 (FBC)-Iddoo seenaa qabeetti Laallibalaatti ayyaana Qillee kabajuuf qophiin taasifamuu Biiroon Aadaa fi Tuurizimii naannoo Amaaraa beeksiseera.
Itti aanaan biiricha obbo Ermiyaas Mokkonniin akka ibsanitti, magaalaa Laallibalaa wayita garee shoroorkeessaa ABUT’tiin weeraramtee turtee bu’uraaleen misooma hedduun barbadaa’aniruu jedhan.
Yeroo amma kanas bu’uraalee misoomaa barbada’aan kanneen akka bishaan, teeleekoom, elektirikaa fi kanneen biroo suphamuun tajaajilaaf banaa ta’uu himaniiru.
Hoteelonnii fi dhaabbileen tajaajila hawaasa laataan biroon hojii eegaluu hordofee ayyaana Qillee Laallibalaatti kabajuuf qophiin xumurameera jedhan.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.