Fana: At a Speed of Life!

Biyyoonni Shanan meeshaalee waraanaa Niikleeriin waldorgomuu dhaabuuf walii galan

Finfinnee, Muddee 26, 2014 (FBC) – Biyyoonni Shanan meeshaalee waraanaa Niikleerii hidhatan meeshichaan waldorgomuurraa of qusachuuf waliigaluu ibsa waloo baasaniin eeraniiru.
Chaayinaa, Raashiyaa, Faransaay, Biriitaaniyaa fi Ameerikaan miseensa Mana Maree Nageenya Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii yoo ta’an, waraana Niikleerii taasiifamu dhaabuuf ejjennoo qaban ibsaniiru.
Biyyoonni kunneen Waraanaa Niikleeriin mo’ataan kan hin jirre ta’uu hubachuun meeshaan waraanaa kun akka hin babal’annee fi waldorgommii isaaniin taasiifamu dhaabuu waliigatteerra ga’uu ibsa laataniin mirkaneessaniiru.
Waldhabdeen biyyoota kanneen gidduutti uumamuu mariin malee waraanaan furmaata akka hin arganne waliigalteerra ga’uu isaanii ibsaniiru.
Biyyoonni shananuu waraana Niikleerii hin eeyyamamne ittisuuf tarkaanfii fudhatamu cimsanii kan itti fufan ta’uu fedhii muul’isaniiru.
Maddi:-CGTN
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.