Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen sababii vaayrasii koroonaatin waajjirasaanii Chaayinaa yeroof cufaa jiru

Finfinnee, Amajjii 21, 2012 (FBC) – Dhaabbileen hedduun sababii vaayrasii koroonaatin waajjirasaanii Chaayinaa yeroof cufaa jiru.

Dhaabbanni teeknooloojii Googl sababa vaayrasii koronaan waajjirasaa Chaayinaatti argamu yeroof cufuu beeksise.

Googliin ala dhaabbileen akka Amaazoonii fi Maaykiroosooft nageenya hojjetoota isaaniif jecha yeroof hojii akka dhaabanis ibsameera.

Hojjettoonni dhaabbata Googl imala gara Chaayinaarraa akka of qusatanii fi kanneen Chaayinaa keessa jiran ariitiin akka ba’an dhaamera.

Torbee dabarsine dhaabbanni Feesbuukii hojjettoonni isaa gara Chaayinaa akka hin imalle akeekkachiisera.

Dabalataanis dhaabbanni Toyoottaa Jaappaan hanga baatii Faranjootaa Gurraandhala 9tti Chaayinaatti tajaajila kennuu dhaabuusaa beeksiseera.

Dhaabbanni Faransaay PSA akkasumas dhaabbanni Hoondaa fi Niisaan hojjettoota isaanii Chaayinaa keessaa baasuuf karoora qabaachuun himameera.

Maddi: BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.