Fana: At a Speed of Life!

Balfawwan warshaalee keessaa ba’an qulqulleessuun naannoo faalamarraa ittisuu barbaachisaadha- Ministeera Bishaanii fi Inarjii

Finfinnee, Muddee 25, 2014 (FBC)- Teeknooloojiiwwan balfawwan dhangala’oo warshaalee oomishaa garaagaraa keessaa ba’an qulqulleessuu danda’an hojiirra oolchuun qaamolee bishaanii fi naannoo faalamarraa ittisuun barbaachisaa ta’uu Ministeerri Bishaanii fi Inarjii beeksise.

Ministeerichi yuunvarsiitii Jimmaa waliin ta’uun magaalaa Jimmaatti buufata buna jiidhaa falafalutti argamuun hojii proojektii miidhaa balfa dhangala’aa hir’isuu danda’u daawwateera.

Teeknooloojiin kun bishaan xuraawaa bunni ittiin miiccame gara lagaatti osoo gadi hin lakkifamiin dura qabiyyee asiidii isaa dhabamsiisuu kan danda’u ta’uu ibsameera.

Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaa hojii proojektiiwwan akka kanaan bakkeewwan barbaachisootti babal’isuu ministeerichi cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Qorannoowwanii fi teeknooloojiiwwan balfawwan dhangala’oo bakkeewwan bunni oomishamuu ba’an waldhaanuu fi miidhaa isaanii hir’isuu dandeessisan hojiirra oolchuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Yuunvarsiitiin jimmaa rakkoowwan gama eegumsa naannoo fi dameewwan biroon jiran furuuf hojiilee garaagaraa dhaabbilee dhimmi isaa ilaallatu waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu Preezdaantiin yuunvarsiitichaa Dooktar Jamaal Abbaa Fiixaa ibsaniiru.

Proojektichi komii hawaasni kanaan dura buufaticharratti kaasaa turan hambisuu abbaan qabeenyaa buufatichaa obbo Mahaammad Jamaal ibsaniiru.

Hoggantuun waajjira kunuunsa naannoo magaalaa Jimmaa aadde Najaat Kiyaak gamasaaniin, proojektichi komii hawaasa naannichaa kan fure, abbootii qabeenyaa fi hawaasaaf furmaata ta’uu kaasaniiru.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.