Fana: At a Speed of Life!

Waraana booda tokkummaa argame eegsiisuun injfannoo caalmaaf waloon hojjechuu qabna – Aadde Adaanach

Finfinnee, Muddee 25, 2014 (FBC) – Waraana booda tokkummaa argame eegsiisuun injfannoo caalmaaf waloon hojjechuu qabna jedhan Kaantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee.
Kaantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee fi Mana Maree Magaalaa Finfinneetti waamamaa olaanaan mootummaa obbo Mallas Alamuun injifannoo argame itti fufsiisuun haala Badhaadhina dhuguumsuun danda’amurratti dubartoota magaalaa Finfinnee waliin mari’ataniiru.
Weerara gareen shororkeessaa ABUT biyya diiguuf bane Ityoophiyaanoonni hundi tokkummaan duuluun injifannoo waloo galmeessuu Aadde Adaanach ibsaniiru.
Tokkummaan yoo dhaabbanne humna kamiiyyuu injifachuu akka dandeenyu seenaa Adwaa qofaan kan hin daangofne ta’uu Ityoophiyaanoonni har’as mirkaneessaniiru jedhan.
Waraana booda tokkummaa argame eegsiisuun injfannoo caalmaaf waloon hojjechuu qabna jechuun dhaamaniiru.
Ityoophiyaa baraaruuf hundi wareegama kaffaluu qabu kaffaluuf murteessuu isaaniin dhiibbaa hedduu dandamachun injifannoo biroof waloon dhaabbanneerra jedhan Mana Maree Magaalaa Finfinneetti waamamaa olaanaan mootummaa obbo Mallas Alamuun.
Ammas hoggansii fi uummanni qindaa’uun hojiilee hojjetamuu qaban kan yeroo kamiiyyuu caalaa raawwaachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Hoggansii namuusaa gaarii fi Jaalala biyyaan deeggarsa ummataa eegalame badhaadhina Finfinnee fi Ityoophiyaa dhugoomsuuf cimanii kan hojjetan ta’uu mirkaneessuu isaanii ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.