Fana: At a Speed of Life!

Hawaasaaf tajaajila si’ataa fi haqa qabeessaa ta’ee laachuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira-Obbo Awwaluu

Finfinnee, Muddee 25, 2014(FBC)- Mariin waltajjii Hooggansa Olaanoo Naannoo Oromiyaa taa’amaa ture xumurameera.

Injifannoo gama birmadummaa biyyaa kabachiisuutin argame caalmaatti itti fufsiisuuf rakko kenninsa tajaajila hawaasaa sirreessuun tajaajila si’ataa fi haqa qabeessaa akka argatuuf ammas xiyyeeffannoon hojjatamuu akka qabu itti aanaan Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii hubachiisan.

Xumura leenji kanarratti obbo Awwalu Abdii argamun kallatti hojii kennaniru.

Labsii mootummaan baase 1064/2017 keeyyata 33 fi 34 jalattii hawaasni tajaajila dhugaa fi haqa qabeessaa akka argatu lafa kaa’anniru.

Akka labsii kanaatti hojjatan mootummaa tokko torbaanti Sa’aatii 39 ykn guyyaatti sa’aatii saddet akka hojjatu ajaja.

Haata’uuti sababoota yeroon argamuu dhabuu, haalli simannaa tajaajilaa namuusa dhabu, sirni odeeffannoo sirriin dhabamuu, ragaalee dhoksuu hawaasni tajaajila barbaachisu silaa argachuu qabu dhabsiisaa jira.

Rakkoo kenninsa tajaajila hawaasaa sirreessuun tajaajila si’ataa fi haqa qabeessaa akka argatuuf ammas xiyyeeffatame hojjatamuu akka qabu obbo Awwaluu Abdii hubachiisaniru.

Kanaaf fala murteessoo kaa’u baannaan hawaasni mootummaa irraa amantii akka dhabu, karaa biraatin kiraa sassabdummaan akka hammaatu taasisaa jedhan Aabba Awwaluun.

Rakkoowwan kanneen furuufis naamusni hojjataa sirraa’uu, quuqamaafi aantummaa uummataa qabaachuufi qindoominaan hojjachuun akka barbaachisuus hubachiisaniru.

Hirmaattonni leenjii argatan hojiitti hiikuun hawaasni tajaajila barbaadu kennuuf xiyyeeffatanii kan hojjatan tahus dubbuchasuusaanii ragaan Paartii Badhaadhinaa Naannoo Oromiyaarra argame ni muul’dhisa.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.