Fana: At a Speed of Life!

MM Sudaan Abdallaa Hamdook aangoo gadhiisan

Finfinnee, Muddee 25, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa Sudaan, Abdallaa Hamdook aangoo gadhiisan.

Sudaanitti fonqolcha mootummaa gaggeeffame hordofee biyyattiin mormii ummataa fi rakkoo siyaasaa hamaa keessatti argamti.

Waliigalteen Muummeen Ministirichaa hogganaa waraanaa Al Burihaan waliin taasiisaan hawaasaa siiviilii fi siyaasaa biratti fudhatama hin arganne.

Abdallaa Hamdook, Marii yeroo dheeraa fudhate booda, aangoo gadhiisuusaanii beeksisaniiru.

Lammiileen Sudaan, erga Bulchinsa Hamdookii fi humna waraanaa biyyatti mormuu eegalanii ji’a lamaa ol lakkoofsisaniiru.

Mormii biyyattii uumameen hanga ammattii namoonni 56 du’uu, koreen giddu galeessa doktaroota Sudaan beeksiseera.

Gareen leellistoota sosochii diimokiraasii Hamdook aangoo irraa akka bu’uuf hojjechaa turaniiru.

Biyyoonni Lixaa, Dhaabbanni mootummoota Gamtoomanii fi hoggantoonni biyyoota Arabaa Abdallaa Hamdook aangoo gadhiisuu hin qabu jechuun qeeqaa jiraachuu ibsameera.

Maddi:-Aljaaziiraa

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.