Fana: At a Speed of Life!

Yuuniyeeniin Qonnaan Bultoota Utaa Waayyuu Birrii miiliyoona 3 mootummaaf gumaachuu ibse

Finfinnee, Muddee 24, 2014 (FBC) – Yuuniyeeniin Qonnaan Bultoota Utaa Waayyuu Birrii miiliyoona 3 mootummaaf gumaachuu ibseera.

Galiin kuni gibiraa fi nagaheewwan garagaraa Yuuniyeenichi ittiin hojjatu irraa ta’uu himameera.

Yuuniyenichi yaa’ii waliigalaa 15ffaa miseensa isaa waliin taa’era.

Hoji geggeessaan Yuuniyeenichaa obbo Muktaar Hajjii Yuuniyenichi ifaajee qonnaan bultootaa fiixaan baasuudhaaf hojjataa jira jedhaniiru.

Kanaanis qonnaan bultoota saamicha gatii midhaanii jalaa baasuuf hojii boonsaa kan hojjateefi ammas itti jarudha.

Itti gaafatamtuu waajjira Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa Godina Arsii Lixaa aadde Mardiyaa Jamaal Yuuniyenichi qonnaan bultoota qonna ammayyaa akka dhandhaman gargaaruu dubbatan.

Yuuniyeenichi calla guddiftuu gatii madaalawaan qonnaan bulaaf dhiheessuun cinatti sanyii filatamaa baayisuudhaan qonnaan bultootaaf dhiyeessaa jira.

Yuuniyeenichi gabaa tasgabbeessuuf jecha meeshaalee bu’uuraa dhiheessuurrattis kan hojjatudha jedhan obbo Muktaar.

Xilaahun Yilmaatu gabaaseera

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.