Sochiin Ispoortii hawaasa Diyaaspooraa fi waldaalee Ispoortii magaala Finfinnee hirmaachise geggeeffame
Finfinnee, Muddee 24, 2014 (FBC) – “Hirmaannaan Diyaasporaa Injifannoo Biyyoolessaatiif ” mata duree jedhuun Sochiin Ispoortii hawaasa Diyaaspooraa fi waldaalee Ispoortii Magaalaa Finfinneetti geggeeffame.
Itti aanaa Kaantiibaa Bulchiinsa Magaala Finfinnee obbo Jaanxiraar Abaay dabalatee geggeessitoonni olaanoo bulchiinsa magaala Finfinnee, hawaasni diyaspooraa fi jiraattoonni magaalichaa hedduun iddoowwan garaagaraatti argamuun sochii Ispoortii hawaasa bal’aa taasiisaniiru.
Hogganaan Biiroo Dhimma Dargaggootaa fi Ispoortii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee obbo Abrahaam Taaddasaa waldorgommii fi guluffiin fardaa fi biskileetii hawaasa diyaasporaa hirmaachise itti aansuun ni geggeeffama jedhan.
Hawaasni Diyaaspoora saganticharratti hirmaatan sagantichi qophaa’uun walitti dhufeenya hawaasaa waliin qabnu cimseera, jaalala hawaasni biyyaaf qabus mirkanessineerra jechuu isaanii OBN gabaaseera.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.