Fana: At a Speed of Life!

Hoggansi olaanaan injifannoo argameen osoo hin booniin qormaata yeroo itti aanu muudachuu danda’uuf haalan qophaa’uu qabu – MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Muddee 23, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Hoggansi olaanaan injifannoo argameen osoo hin booniin qormaata yeroo itti aanu muudachuu danda’uuf haalan qophaa’uu akka qaban hubachiisaniiru.

Mariin dhimmoota haala yeroo fi biyyaalessatti hoggantoonni olaanoon Federaalaa fi magaalaa Finfinnee gaggeessaa turan xumurameera.

Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibsa Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif ergeen akka beeksiisetti injifannoo duula tokkummaa sabdaneessaan argame, hanqinaalee muul’stan, kallattii yeroo itti aanuu ilaalchisee hoggantoonni olaanoon Federaalaa fi naannolee gaggeessaa turan guyyaa har’aa xumuramuu himeera.

Mariin gaggeeffame injifannoo waraanaan argamee sirnaan dursuun, waraanaan booda tasgabbii fi nageenya uumamu waaraan itti fufsiisuu fi ijaarsa biyyaaf faayidaa olaanaa qabaachuu jala murameera.

Miidhaan namoomaa fi qabeenyaa sababa duula birmadummaan qaqqabe kan nama gaddisiisu ta’us adeemsicha keessatti bu’aan argame gaarii ta’uu hoggantoonni kunneen gamaaggama taasiisaniin ilaaluu eerameera.

Hoggansa akka qaama tokkootti waldubbisuun kaayyoo tokkoof hojjetu uumuu, tokkummaa sabdaneessaa fi hirmaanna ummataa hunda galeessan wal utubee rakkoo ce’uu danda’u argamsiisuu ilaallameera.

Sagantaa cufiinsaa Waajjira Muummee Ministiraatti gaggeeffameerratti kan argaman Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimad duulli tokkummaa sabdaneessaa boqonnaan duraa milkiin cumuramuu himaniiru.

Ityoophiyaanoota milkichaaf qooda irraa eegamu ba’an hunda galateeffataniiru.

Hoggansi olaanaan injifannoo argameen osoo hin booniin qormaata yeroo itti aanu muudachuu danda’uuf haalan qophaa’uu akka qaban hubachiisaniiru.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.