Fana: At a Speed of Life!

Barri haaraan bara waa’ee meeshaa waraanaa Niiwukileerii fi Ameerikaa haasoofnu osoo hin taane kan waa’ee warshaa Tiraakteraa itti yaadnudha Kiim Joong Uun

Finfinnee, Muddee 23, 2014 (FBC) – Barri haaraan bara waa’ee meeshaa waraanaa Niiwukileerii fi Ameerikaa haasoofnu osoo hin taane kan waa’ee warshaa Tiraakteraa fi yuunifoormii barattootaa itti yaadnudha jedhan jedhan hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun.

Kiim Joong Uun kabaja ayyaanaa waggaa 10ffaa aangoo qabachuu isaaniif qophaa’eeratti karoorri olaanaan bara Faranjootaa 2022 hojiilee misoomarraatti xiyyeeffachuun jireenya lammiilee fooyyessuu ta’uu ibsaniiru.

Bara haaraa kanatti Ameerikaa fi Kooriyaa Kibbaa waliin hariiroo dippiloomaasii eeguuf karoorfachuu himaniiru.

Kiim saganticharratti dhimmoota biyya keessaa, karoora misooma Baadiyyaa, wabii midhaan nyaataa, uffata seeraa barattootaa, dhimmoota hawaasummaa fi fayyadamummaa diinagdeerratti xiyyeeffachuun haasawa taasiisaniiru.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.