Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Galaanitti Proojektoonni adda addaa Birrii miiliyoona 613 oliin hojjetamaa jiru

Finfinnee, Muddee 23, 2014 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Galaaniitti proojektoonni garaagaraa haaraa fi buleeyyiin 53 Birrii miliyoona dhibba 6 fi miiliyoona 13 oliin hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Proojektonni kunneeniis ijaarsa daandii asphaaltii, cirrachaa, dhagaa koobilii, mana yaalaa, Mana Barnootaa Bu’uura boruu, Sheedii giddu gala gabaa fi bakkoota maanufakcheringii ta’uu ibsameera.

Ijaarsi Proojektoota kanneenii carraa hojii dhaabbii fi yerootiin namoota kuma 4 fi 259 uumamuun himameera.

Proojektoonni haaraa fi bulleeyyiin hojjetamaa jiranis jila Hogganaa Biiroo Carraa Hojii uumuufi Ogummaa Oromiyaa Obbo Ahimad Idirisin durfamuun daawatamuu ragaan Waajjira Komnikeeshiinii Magaalaa Galaan irraa argame ni ifoomsa.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.