Fana: At a Speed of Life!

Beekkumsa gabbifachuuf manni kitaabaa qooda olaanaa qaba – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Muddee 23, 2014 (FBC) – Manni Kitaabaa Abrihoot mootummaan waadaa ummataaf gale raawwachuu gochaan kan mirkaneessudha jedhan Kaatibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee ibsaniiru.

Finfinnee akkuma maqaa ishee miidhagduu taasiisuuf mootummaan proojektootaa fi bu’uuraalee misoomaa ummataaf waadaa gale hedduu xumuruun tajaajilaaf oolchaa jiraachuu ibsaniiru.

Addoota garaagaraan waraanni hedduun nurratti banamus wareegama keessatti jireenyi, addatti kufaa mataa ol qabachuun, qormaata keessatti injifachuun, jechaan qofa osoo hin taane qabatamaan biyyattii ilaaluuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Wareegama kaffaluun har’a kanneen akka mataa ol qabannu nu taasiisanii fi Ityoophiyaa diiggamuurraa kan baraaran Raayyaa Ittisaa fi qaamolee nageenyaaf kabajatu mala jedhan.

Waraana keessa taanuus damee hundaan hojiilee misoomaa hojjechuun gootummaa Ityoophiyaa agarsiifneerra jedhan.

Adeemsa kana keessatti kan injifatte Ityoophiyaa ta’uu ibsan.

Dhaabbileen barnootaa lammiilee ga’oomsuun iddoo argama dhaloonni biyya dhaalu itti oomishamu ta’uu eeruun, beekkumsa horachuuf qoodni kitaabolee olaanaa ta’uu himaniiru.

Manni kitaabaa Abrihoota har’a eebbifame Afrikaa Bahaatti isa guddichaa fi adda duree ta’uu eeraniiru.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.