Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni tola oolaa Xaaliyaan lammiilee godina Gujii Lixaatti hongeen miidhamaniif boqqolloo Kuntaala kuma 7 fi 500 taasise

Finfinnee, Muddee 21, 2014 (FBC)- Dhaabbanni tola oolaa Xaaliyaan lammiilee godina Gujii Lixaatti hongeen miidhamaniif boqqolloo Kuntaala kuma 7 fi 500 taasisuu Waajjirri hoggansa sodaa balaa fi kaafamtoota misoomaa godinicha beeksiseera.

Godinichatti lammiilee sababa hongeetin miidhaan irraa ga’eef deeggarsi taasifamuu cimee akka itti fufuu qabu gaafatameera.

Itti gaafatamaan waajjiricha obbo Iyyoob Zarihuun akka ibsanitti, Dhaabbanni tola oolaa Cheentiroo Ayuutii Paar Ityoophiyaa jedhamu deeggarsi lammiilee miidhamtootaaf taasisee Birrii miiliyoona 18tti tilmaamama jedhaniiru.

Deeggarsichi aanolee godinicha Malkaa Soodaa, Suroo Bargudaa, Galaanaa, Abbayaa, Bulee Horaa fi Dugdaa Dawaatti lammiilee hongeef saaxilamaniif raabsamaa jiraachuu ibsaniiru.

Godinichatti hongee mudateef miseensoonni maatiin qonnaan bultoota kuma 300 hanqina nyaataf saaxilamuun isaanii beekameera.

Hanqina qorichaa fi nyaatatin beelladoonni mana kumni 8 ol du’uu fi kumni 18 fi 384 ammoo qarqaraa du’aa jiraachuu obbo Iyyoob himaniiru.

Maddi:-TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.