Fana: At a Speed of Life!

Komishinaroonni Komishinii marii biyyoolessaa uummataan filatamu

Finfinnee, Muddee 21, 2014 (FBC)- Komishinaroonni Komishinii marii biyyoolessaa uummataan akka filatamanii fi muudamni isaanii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataan kan ragga’uu ta’uu Koreen dhaabbii dhimmoota Seeraa, Haqaa fi Dimookiraasii ibsa gaazixeessitootaaf laateen beeksiseera.

Walitti qabduun koree dhaabbichaa aadde Itsagannaat Mangistee ibsichaan, eeruun komishinarootaa uummattoota Ityoophiyaa hunda kan hirmaachiisuudha jedhaniiru.

Sirni kaadhimamtoota eerraman keessaa 11 fo’amuun dhiyeessuumma Af Yaa’iitin mana mareen muudamanii diriiree jedhan.

Komishanarroonni kunneen guyyaa itti mooggaffamanirra eegalee waggoota sadiif kan turuu yeroo hojii akka qabaataan ibsaniiru.

Akka barbaachisummaa isaattis turtiin isaanii dheeraachuu akka danda’uu ibsameera.

Wixinee labsii dhiyaateerratti qabiyyeen kamiyyuu dhimma marii ibsu keessaatti makamuu dhabuu walitti qabduttin himaniiru.

Kaayyoo olaanaan labsichaa hanga ammatti waliigalteen kan irra hin ga’aamnee  fi dhimmoota biyyoolessaa birmadummaa Ityoophiyaa  qoran irratti marii Ityoophiyanoota guutuu haammatee taasisuun rakkoolee furuu akka ta’uu himaniiru.

Komiishiniin hundaa’uu yaada waltajjiiwwan mariirra argatuu gara hojiitti akka hiikuu ibsuun, mana mariicha dabalatee qaamoleen dhimmi ilaallatuu hundi  itti gaafatamuummaa fudhachuun akka hojjetaan ibsuu  ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarra argamee ni muul’dhisa.

Manni Maree Bakka Bu’oota Uummata guyyaa kaleessaa walga’ii adda 2ffaa  gaggeesseen Komishinii marii biyyoolessaa hundeessuuf wixinee labsii dhiyaatee sagalee caalmaan raggasisuun isaa ni yaadatama.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.