Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Galaanitti proojektoonni adda addaa buleeyyii fi haaraan 53 hawaasaan daawwatamaan

Finfinnee, Muddee 21, 2014 (FBC)- Godina Adda Naannawaa Finfinnee magaalaa Galaanitti projeektoonni garaagaraa 53 Birrii miiliyoona dhibba 6 fi miiliyoona 13 oliin hojjetamaa jiran hawaasaan daawwatamaniiru.

Proojektoota 53 buleeyyiin 6 kan hojjetamanii fi  4 ijaarsisaanii xumuramuun 2 ammoo xumuramaarra jiraachuu ibsameera.

Proojektoota haaraa 41 dargaggoota magaalichaaf carraa hojii uumuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Projektoota buleeyyiif baajata Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 64 oliin, haaraaf ammoo Birrii miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 42 oliin, Suphaaf Birrii miliyoona 6.2 ol ramadamee hojjetamaa jira jedhameera.

Dabalataaniis projaktiin ijaarsa Hospitaalaa magaalaa Galaan baajata Birrii miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 74 oliin Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaan hojjetamaa jira.

Magaalichatti projaktonni hojjetamaa jiran gaaffii ummataa yeroo dheeraa kan turanii fi yeroo ammaan kana immoo ijaarsi isaanii eegaluun hawaasaaf daawwachifamaa jiru.

Kanaan dura rakkoo bulchiinsa gaariin kan harkifataa turan projaktonni kunneen, yeroo ammaan kana waldaalee imaaxaan dargaggoota hirmaachisuun ijaaramaa jiru.

Kantibaan magaalaa Galaan Aaddee Waynishat Gizaaw fi itti aanaa kantiibaa magaalaa galaan obbo Eda’oo Kojii dabalatee hawaasa magaalichaan projaktoota daandii aspaltii magaalaa Galaanii fi daandii saffisaa Adaamaa Finfinnee waliin walqunnamsiisa kiiloo meetira 2  ,riqicha, mana barumsa Bu’uura Boruu,ijaarsa hospitaala waliigalaa,daandii keessoo, sheediwwan,Koolleejjii pooliiteeknikaa Galaan baballisuu fi projaktoota kanneen biroo daawwataa jiru.

Jamiilaa Jamaaltu gabaase

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.