Fana: At a Speed of Life!

IGAD naannoowwan daangaatti weerara vaayrasii koroonaa fi kanneen biro ittisuuf Yuuroo miiliyoona 60 ramade

Finfinnee, Muddee 20, 2014 (FBC)- Naannoowwan daangaatti weerara vaayrasii koroonaa fi kanneen biroo ittisuuf Yuuroo miiliyoona 60 ramadee socha’aa jiraachuu IGAD beeksise.

Dhaabbatichi vaayrasii koroonaa dabalatee dhibeewwan daangaa ce’an haala ittisuu fi to’achuun danda’amurratti magaalaa Goondaritti waltajjii marii gaggeesseera.

Maallaqni weerara vaayrasii koroonaa fi dhibeewwan daangaa ce’an biroo ittisuuf ramadame kun deeggarsa Gamtaa Awurooppaarraa argame ta’uu dhaabbatichatti qindeessaan Ittisa vaayrasii koroonaa Dooktar Giruum Hayiluu ibsaniiru.

Maallaqichi Ityoophiyaa dabalatee biyyoota miseensa dhaabbatichaaf weerara vaayrasii koroonaa fi kanneen biroo ittisuu fi to’achuuf kan oolu ta’uu himaniiru.

Maddi:- TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.