Fana: At a Speed of Life!

Biqiltuu Biiliyoona 4 fi kuma dhibba 8 ol dhaabuuf qophiin taasiifamaa jira – Biiroo Qonna Oromiyaa

Finfinnee, Muddee 20, 2014 (FBC) – Bara kana  akka naannoo Oromiyaatti Biqiltuu Biiliyoona 4 fi kuma dhibba 8 ol dhaabuuf qophiin taasiifamaa jiraachuu Biiroon Qonna Oromiyaa beeksisee.

Jilli Hogganaa Biiroo Qonna Oromiyaa obbo Abarraa Warquun durfamu qophii dhaabbii biqiltuu Magaalaa Duukam, Godina Shawaa Bahaa Aanaa Lumee fi Ada’aattii taasiifamaa jiru daawwateera.

Duula Ashaaraa Magaarisaa waggoota Dabranii irraa akka biyyattis ta’ee, Naannoo Oromiyyaatti bu’aan guddaan argamuu Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Abarraa Warquu ibsuun, bara kanas Muuxannoo argame lafa qabsisuun biyyattiin rakkoo jijjiirrama qabeenya qilleensaa Addunyaaf rakkoo ta’aa jiru akka dandamattuuf hojjetamaa jira jedhan.

Biqiltuwwaan waggoota dabran dhaabbatan % 89 ol latuu obbo Abarraan himaniiru.

Hawaasni hojii Kunuunsa Biyyee fi Bishanii jalqabe cimsuun Qophii Duula Ashaaraa Magaariisaa bara 2014f akka of qopheessuu waamicha dhiyeessuu OBN gabaaseera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.