Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti bara kana miseensa Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa miiliyoona 5 ol horachuuf hajjatamaa jira- Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa

Finfinnee, Muddee 20, 2014 (FBC)- Oromiyaatti bara kana miseensa Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa abbaa warraa miiliyoona 5 fi kuma dhibba 2 ol horachuuf hajjatamaa jiraachuu Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa beeksise.

Bara darbee miseensa abbaa warraa miiliyoona 4 fi kuma dhibba 5 horachuun  danda’amuu Ittaanaan Biiroo Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa Dooktar Bokonaa Guutaa himaniiru.

Hojiin galmeessaa miseensaa  fi miseensummaa haaromsuu Muddee 1 hanga gurraandha 30,2014 kan hojjatamu ta’uu eerameera.

Faayidaa Inshuraansii irratti hojjachuun miidiyaaleen ga’ee bakka hin bu’amne ba’ataniiru jedhaniiru.

Miidiyaalee biyyaa fi hawaasa gama fayyaan, nageenyaa fi odeeffannoo sirrii dabarsuun dirqama fi naamusaan dalagan galateeffataniiru.

Hojii damee kanaan hojjatamu gara fuulduraatti jabeessuuf ogeeyyota miidiyaa waliin Adaamaatti mari’atamaa jira.

Jibriil Huseentu gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.