Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen garagaraa raayyaa ittisa biyyaa fi buqqatootaaf deeggarsa taasisaan

Finfinnee, Muddee 19, 2014 (FBC)-Godina Matakkal aanaa Daanguur, Korporeeshinii Hojiiwwan Konstiraakshinii fi Hospitaalli Beejing Xiruunash raayyaa ittisa biyyaa fi lammiilee buqqa’aniif deeggarsa taasisaniiru.

Jiraattoonni godina Matakkaal aanaa Daanguur fi hojjettoonni mootummaa raayyaa ittisa biyyaa duula birmadummaa biyyaa kabajichiisuurratti argamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 2.2 ol taasisuu ragaan kominikeeshinii godinichaarra argamee ni muul’dhisa.

Haaluma walfakkatuun hoggantoonni Korporeeshinii Hojiiwwan Konstiraakshinii raayyaa ittisa biyyaa fi buqqatootaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 1.7tti kan tilmaamamu uffatalee fi meeshaaleen nyaata taasisaniiru.

Biiroo Eegumsa Fayyaa Magaalaa Finfinnee jalatti kan argamuu Hospitaalli Beejing Xiruunash meeshaalee fayyaa Birrii miiliyoona 3.6 olitti tilmaamamu naannoo Affaariitti kan argamuu buufata fayyaa Jaarraaf laateera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.