Fana: At a Speed of Life!

Diyaaspooraa gara biyyaa galaniif tajaajila geejjiba mijataa fi nageenyiisaa eegame laachuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Muddee 19, 2014 (FBC)-Dhalattoonni Ityoophiyaa fi Ityoophiyaanoonni miiliyoona 1 gara biyyaa dhufaniif tajaajila geejjiba mijataa fi nageenyiisaa eegame laachuuf mariin taasifameera.

Biiroon Geejjibaa fi Biiroon Bulchiinsa Nageenyaa Magaalaa Finfinnee diyaaspooraan miiliyoonni 1 gara biyya akka galaniif waamicha Muummeen Ministira Abiy Ahimad taasisaan hordofee keessummoota gara biyya galaniif tajaajila geejjiba mijataa fi nageenyi isaa eegame laachuuf qaamolee dhimmi ilaallatuu waliin mariin gaggeeffameera.

Marichaanis buufata xiyyaaraarra eegalee tajaajilli geejjiba bifaa gaariin ta’een akka laatamuu qabu ibsameera.

Kessummoonni akka hin burjaajofneef qaamolee tajaajila geejjiba laataan kaaraa seeraa qabeessaa ta’een laachu akka qaban dhaamamuu ragaan waajjira Preesii Seekretiriyaati maagaalaa Finfinnee argame ni muul’dhisa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.