Fana: At a Speed of Life!

Dagannaan Ittisa Vaayrasii Koroonaa irratti mul’ate gatii nu baasisaa jira jedhame

Finfinnee, Muddee 19, 2014 (FBC)- Dagannaan Ittisa Vaayrasii Koroonaa irratti mul’ate gatii nu baasisaa jira jedhame.

Raawwii talaallii vaayrasii koroonaa fi talaallii idileerratti magaalaa Adaamaatti gamaggamni gaggeeffamuu ibsameera.

Gamaggama kanarratti hoggantoonni biirolee fayyaa, sabquunnamtii fi koominikeeshinii, qaamoleen tumsaa fi ogeessonni talaallii vaayrasii koroonaarratti hojjechaa jiran argamaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan waggoottan lamman darbanitti weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf ministeerichi hojjechaa turuu fi namoota miiliyoona 10tti siqaniif talaallii kennuu ibsaniiru.

Dagannaan gama hawaasaatiin jiru vaayrasichi sadarkaa olaanaan akka tatamsa’u taasisuu kaasaniiru.

Dagannaan kun gatii guddaa kan nama kaffalchiisisu waan ta’eef  hawaasni hubannoo talaallii vaayrasii koroonaarratti qabu akka gabbifatuu fi maloota of eeggannoo akka eegu gaafataniiru.

Daayrektarri Daayrektoreetii Haadholii fi Daa’immanii Dooktar Masarat Zalaalam gamasaaniin, guyyaa vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenerraa kaasee lammiileen kuma 6 fi 800 vaayrasichaan lubbuun isaanii darbuu ibsaniiru.

Sababa weerara vaayrasii kanaa lammiilee hedduun rakkoolee fayyaa, hawaasummaa fi diinagdeef saaxilamuu eeruu isaanii ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni mul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.