Fana: At a Speed of Life!

Magaalaan Qobboo sochii idileesheetti deebi’aa jirti-jiraattota

Finfinnee, Muddee 19, 2014 (FBC)- Weerara garee shororkeessaa jalaa bilisa baatee kan turte magaalaan Qobboo sochii idileesheetti deebi’aa jiraachuu jiraattonni ibsan.

Gareen shororkeessaan kun bakkeewwan naannolee Amaaraa fi Afaar weeraraan qabatee turetti miidhaa namoomaa, hawaasummaa fi xiinsammuu qaqqabsiiseera.

Magaalaan Qobboos magaalota badiin shororkeessaa ABUT irratti raawwatame keessaa ishee tokko.

Gareen kun wayita weeraraan magaalittii qabatee turetti miidhaa garaagaraa hawaasa magaalichaarraan ga’uu jiraattonni ibsaniiru.

Abbootii amantaa dirqamsiisuun fudhatamummaa uummata biratti qabdan fayyadamaatii gaarummaa keenya odeessaa jechuun dhiibbaa geessisaa turuu jiraattonni magaalichaa

Gareen kun meeshaalee dhaabbilee amantaa manneen amantaa keessaa gadi baasuun manneen amantaa dawoo waraanaa taasisuu addeessaniiru.

Qabsoo qaamoleen nageenyaan magaalittiin erga bilisa baatee as gara sochii idileeshee duraaniitti deebi’aa jiraachuu ibsaniiru.

Qote bulaan gara hojii qonnaasaatti daldalaanis gara hojii isaatti deebi’uu himaniiru.

Tajaajila geejjibaa dabalatee dhaabbileen tajaajilaa biroon gara hojiitti deebi’uu jiraattonni magaalichaa ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.