Nageenya keessummootaa eeguuf hunduu itti gaafatamummaa isaa ba’achuu qaba jedhame
Finfinnee, Muddee 19, 2014 (FBC)- Nageenya diyaaspoorotaa fi keessummoota biroo gara Ityoophiyaa dhufanii akka eegamuuf hunduu itti gaafatamummaa isaa ba’achuu akka qabu ibsame.
Hoggantootaa fi waardiyyoota hoteelotaa fi dhaabbilee Bashannanaa irratti bobba’an waliin haala nageenya diyaaspoorota fi keessummoota gara Ityoophiyaa dhufanii eeguun danda’amurratti mariin gaggeeffameera.
Humnoonni kufaatii Ityoophiyaa barbaadan har’as ta’e gara fuulduraatti adabatanii akka hin teenye koomishinii Poolisii magaalaa Finfinneetti Ittaanaan Komishinaraa damee Ittisa yakkaa fi balaa tiraafikaa Mangashaa Mollaa waltajjicharratti ibsaniiru.
Keessummoota maqaa gaarii Ityoophiyaa hawaasa idil addunyaatti beeksisuuf gara biyyaa dhufan nageenyummaan isaanii akka eegamuuf hundi ga’ee isaa ba’achuu akka qabu kaasaniiru.
Koomishinii poolisii magaalaa Finfinneetti Daayrektarri tajaajila poolisii hawaasaa Koomaandar Salamoon Faantaahuun hanqinoota naannoo hoteelotaa fi bakkeewwan bashannanaa jiran ka’umsa godhachuun yaadota furmaataa eeraniiru.
Nageenya keessummootaa eegsisuun bilisummaan akka itti dhagahamu taasisuunii fi sochii isaaniirratti xiyyeeffachuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Haala nageenya keessummootaa eegeen tajaajila kennuuf yeroo kamiyyuu caalaa ogeeyyii eegumsaa fooyyee qaban ramaduu hirmaattonni marichaa ibsaniiru.
Hojiin eegumsaa kaameeraawwaniin kan deeggaraman ta’uu eeruu isaanii ragaan Koomishinii Poolisii Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.