Fana: At a Speed of Life!

Buufata xiyyaaraa Dirree Dawaatti dhoo’iinsa meeshaa waraanaa muudateera jechuun odeeffannoon miidiyaa hawaasan tatamsa’e soba ta’uu ibsame

Finfinnee, Muddee 18, 2014 (FBC) – Buufata xiyyaaraa Dirree Dawaatti dhoo’insi meeshaa waraanaa muudate jechuun odeeffannoon miidiyaa hawaasan tatamsa’e soba ta’uu Poolisiin Federaalaa beeksiise.
Dhoo’iinsi uumame guyyaa kaleessaa naannoo sa’aatii 10:50tti meeshaan lakkooftuu kallattii, fageenya,to’annoo humnaa fi walquunnamtii xiyyaaraa sababa humni elektirikaa dabaleen kan uumame malee meeshaa waraanaa kan hin taane ta’uu Itti gaafatamaan waajjira Damee Ayiveeshinii Dirree Dawaa obbo Tasfaayee Shimallis eeraniiru.
Dhoo’insi uumames sirna to’annoo humnarratti miidhaa qaqqabsiisuu himaniiru.
Balaa uumameef ogeeyyiin qorannoo barbaachisu taasiisuun balallii xiyyaaraaf haala mijeessuun balalliin har’a ganama sa’aatii 1:00 eegalee jalqabuu obbo Tasfaayeern ibsaniiru.
Dhoo’insa sababa humna elektirikaan uumame kan namoonni dhuunfaan tokko tokko shanee fi ABUT waliin dhukaasni akka taasiifameetti olola sabaa oofaa jiraachuu eeruun, rakkoon nageenyaa buufaticha keessatti uumame kan hin jiraanne ta’uu dubbataniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.