Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee qaamolee weerara lafaa irratti hirmaatan irratti tarkaanfii fudhate

Finfinnee, Muddee 18, 2014 (FBC) – Qaamolee weerara lafaa gaggeessan irratti tarkaanfii fudhachuu Biiroon Bulchiinsa Lafaa magaalaa Finfinnee beeksiise.
Hoggantootaa fi Hojjettoota weerara lafaa seeraan alaa keessatti hirmaatan 88 irratti tarkaanfiin siyaasaa fi bulchiinsaa fudhatamuu hogganaan Biirichaa obbo Jamaal Alaayyee ibsaniiru.
Lafa karee meetira kuma 26 ol irratti kaartaa seera ala hojjetame 671 dhabamsiisuun lafti Baankii Lafaatti deebi’uu eeraniiru.
Hawaasni waliigalteen bittaa fi gurgurtaa lafaa seera ala raawwatu seera biratti fudhatama kan hin qabne ta’uu hubachuun dhaabbilee sanadaa fi ragaatti dhiyaachuun raawwachuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.