Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan murtoo fayyadamuummaa AGOA Ityoophiyaa irraa deebiin qo’achuu akka qabdu biyyattin gaafatte

Finfinnee, Muddee 18, 2014 (FBC)- Ameerikaan murtoo fayyadamuummaa AGOA ”The African Growth and Opportunity Act” Ityoophiyaan keessaa baastee irraa deebiin qo’achuu akka qabduu Ityoophiyaan gaafatteetti.
 Tibba darbee Ityoophiyaan AGOA irraa akka haqamtuuf Preezdaantiin Ameerikaa Joo Baayidaan mallattoosaaniin raggasiisuun isaanii ni yaadatama.

Kanarratti hundaa’ee Ministeerri Daldalaa fi Hariiroo Naannawaa ibsa baaseen murtoo Preezdaant Joo Baayidaaniitti gadduu ibseera.

Mootummaan Ityoophiyaa rifoormii siyaasaa fi diinagdee waggaa sadii dura eegalee cimsuuf fi biyyatti nageenyaa fi tasgabbii uumuuf socho’aa jiraachuu ibsichan errameera.

Ameerikaan hariiroo biyyoota lameen gidduu jiruu yaaduun fayyadamuummaa Ityoophiyaa kan mirkaneessuu sirna AGOA gara duraattii akka deebistuu gaafateera.

Ityoophiyaa fayadamummaa AGOA irraa haquun hojii mirga namoomaarratti hojjetaa jirtu gara boodaatti kan harkifachisuu ta’uu ibsichaan eerrameera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.