Fana: At a Speed of Life!

Boordichi labsii yeroo ariifachiisaan walqabatee ol iyyannoo Paartilee siyaasaa dhiyeesanirratti mari’ataa jira

Finfinnee, Muddee 18, 2014 (FBC ) – Boordiiin Filannoo Biyyaalessaa labsii yeroo ariifachiisaan walqabatee ol iyyannoo Paartilee siyaasaarraa dhiyaataanirratti mari’achaa jiraachuu ibsame.

Sababa labsichaan miseensotaa fi hoggantoota Paartilee siyaasarratti dhiibbaa fi hidhaan qaqqabaa jira jechuun iyyannoo dhiyaaterratti mari’atamaa jira jedhame.

Ol iyyannoo dhiyaate bu’uura taasiisuun bakka buutoota paartii biyya bulchuu fi paartilee siyaasaa waliin gareen iyyannoo qulqulleessu ergamuun adeemsi qulqulleessuu haala gaarirra jiraachuu fi dhimmoota sirreeffamuu qaburratti mariin taasiifamaa jiraachuu ibsameera.

Marichatti walitti qabduu Boordii Filannoo Biyyaalessaa Burtukaan miidhaksaa dabalatee hoggantoonni Paartilee siyaasaa fi paartii biyya bulchuu argamaniiru.

Haabtaamuu Taklasilaaseetu gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.