Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad diyaaspooraa waamichi taasifameef fudhachuun gara biyyaa dhufaniif baga nagaan dhuftan jedhan

Finfinnee, Muddee 18, 2014 (FBC)- Muummeen Ministira FDRI Abiy Ahimad diyaaspoorawwan biyya dhaloota keessanii akka daawwattan waamicha isiiniif taasiifameef deebii laachuun gara biyyaa dhufan baga nagaan dhuftan jedhaniiru.

MM Abiy Ahimad fulaa Miidiya hawaasaa isaaniin akka ibsanitti, Ityoophiyaanonnii fi dhalattoonni Ityoophiyaa biyyaa alaa jiraattan waamicha gara biyyaa galaa isiniif dhiyaatee fudhachuun gara biyyatti dhuftaniin baga nagaa dhuftan jedhaniiru.

Biyyi heddummina maatii tokkoon deebi’uu ni danda’a. dandeettiin bu’uuurri maatii tokko irraa dhaabbatee kan beekamu yeroo gammachuurra yeroo rakkoo muudatudha jedhaniiru.

Heddumminni qormaataa maatii tokko tokko yoo walitti dhiyeessuu kaan ammoo walirra fageessa.

Maatiin bu’uurri isaa laafaa ta’ee balaa yoo muudatu miseensa maatii keessaatti adda addummaan ni muul’ata, komiin isaanii dhokate ni  ba’a, quba walitti qabuunis ni heddummaata, ijjooleen maatiichaa qormaatichi wal gargaraanii keessaa ba’uurra ‘maal na dhibee’ jechuu eegalu. Carraa maatii kanas dhumarratti diigamuu ta’a.

Faallaa isaan maatiin bu’uuraa jabaarra dhaabbate qormaanni dhufuun tokkummaa isaa ni cimsa malee adda addaa hin baasu jedhaniiru.

Adda addummaan jiraatuyyuu yeroof cinaatti dhiisuun karaa qormaatichaa keessaa ittin ba’uurratti ni xiyyeeffatu.

Hundi dandeetti qabuu hundaan ni falma. kufuu fi ka’uu qixaa addan hiratee qormaaticha wayita ce’u hundi walqixa gammadaa jedhaniiru.

Yeroon kun Ityoophiyaan akka biyyatti yerootti qormaata guddaa keessaa lixxeedha. qormaatoonni ishee jabaachuun boqonnaa ishee dhowwachuun, dhagaa hin darbannee hin qaba, Ityoophiyaan garuu tumsa ijoolleesheetiin jabaattee dhaabbateetti, heddumminni qormaataa tokkummaa ijoolleeshee jabeesse malee hin diignee jedhaniiru.

Diyaaspooraan Ityoophiyaanoonni biyyoota addunyaa garagaraa keessaa jiraataan biyyi keenyaa yerootti namaa barabadeettii biyya isaaniif ijoollee yeroo murteessoo ta’uun mirkaaneessaniiru jennee ija jabinaan haasa’uu ni dandeenya jedhaniiru.

Tokko tokko Ityoophiyaa diigiif wayita ka’aaniitti, kan ammoo dhugaa Ityoophiyaa sobaan haguuguuf yaalaniitti, kan hafaanis Ityoophiyaarratti dhiibbaa hin mallee uumuu yaalaniis, hawaasni diyaaspooraan Ityoophiyaaf jedhanii tokkummaan dhaabbataniiru.

Hojmaata kanneen raawwachuuf humna walitti qabachuu, bifa qajeelaa ta’een hojii hojjechuu fi karooraan durfamuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Humni bittinaa’ee jiru walitti qabamnaan jijjiirrama bu’uuraa fiduun akka danda’amu kaasaniiru.

Wal utubuun saffisaan gara fuulduraatti imaluu caalaa wal gufachiisuun yeroo bu’aa malee qisaasisa jedhan.

Diyaaspoorawwan kanneen hunda akka hubatan abdiin qaba jechuun dubbataniiru.

Jaalala biyyaaf qabanirraa kan ka’e hanga lubbuu isaanii wareeguu ga’aniiru.

Waamicha taasiifame kabajuun kanneen gara biyyaa dhuftan maqaa koo fi Ityoophiyaan isinan galateeffadha jedhan.

Haati keessan waan qabdu hunda isiniif dhiyeessiti,garuu wanti isiniif dhiyeessitu guutuu kan hintaane ta’uu mala, yaa ta’uun manni haadhaa waa hunda caala.

Manneen hojii fi  dhaabbilee daldalaatti tajaajila si’ataa fi ammayyaa  bartan argachuu dhiisuu dandeessu, garuu isin ajaa’ibuu hin qabu jechuun ibsan.

Mana haadha keessanii waan ta’eef akkamitti jijjiiruu qabna jedhaa yaadaa malee, akka alagaatti ilaaltanii bira hin darbinaa, mana haadhaaf ni quuqqama malee hin nufan.

Iddoolee miidhaaman akka daawwatanii fi jajjabeessitan adaraan isiniin jedha.

Miidhaa suukaneessaa gareen shororkeessaa ABUT lammiilee nagaarran ga’e qaaman argamuun daawwatanii hawaasa addunyaaf akka hubachiiftan imaanaa kooti.

Iddoolee hawwata Turistii daawwadhaa, hojiilee misoomaa ilaalaa, maatii fi firoottaan keessan waliin yeroo gaarii dabarsaa, gaddaa fi gammachuu isaanii qooddadhaa jechuun ibsaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.